Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan.
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa akkaataa waliin hojjechuun hojjettoota isaanii fayyadamoo taasisuu danda’an irratti guyyaa har’aa magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaayi laayititti waliigaltee waliif mallatteessaniiru.
Sirna mallattoo wal-jijjiruun waliin hojjechuuf karoorfachuu Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa kanarratti argamun haasawaa kan taasisan Preezdaantiin Waldaa Hojjettoota Buleeyyii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Injiinar Taalilaa Dheeressaa waliin hojjechuun daandii guddinaat jedhaniiru.
Sirnicharratti Preezdaantiin Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Darribee Asfaawuu fi Hojii Geggeessaan Olaanaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabra Maariyaam argamaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.