Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara baajata darbeen bu’aa Birrii biiliyoona 1.4 ol argate

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC)- Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara baajata darbeetin gibiraan dura bu’aa Birrii biiliyoona 1.42 argateera jedhame.
Bara baajatichaatti qabeenyii waliigalaa baankichi Birrii biliyoona 52.49 kan ga’e yoo ta’uu, kaappitaalli baankichaa waliigalaa Birrii biiliyoona 5.11 qaqqabeera.
Kana malees aksiyoonotarraa Birriin miliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 51.3 kan sassaabamee yoo ta’u, liqiin Birrii biliyoona 34tti ol guddateera.
Olkaawwannaan baankichaas Birrii biiliyoon 45.51 qaqqabeera.
Kunis kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaallamu caalmaa Birrii biiliyoona 9.34 qaba jedhameera.
Tajaajila dhalamaleetin maamiltoota miiliyoona 1.3 olis qusachiiseera.
Baankichi dameewwan 420 ammaa qabu babal’isuun waggaa 5 booda tajaajila kennuun, qusanaa maamilaa fi olkaawwanaan baankoota dhuunfa dursuun sadarkaa duraara ga’uuf kan hojjatu ta’uu walitti qabaan daareektaroota boordichaa Dooktar Fiqiruu Deeksisaa himaniiru.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.