Baankiin Hojii Gamtaa Oromiya tajaajila qusannaa “Zakaat” jedhamu eegalchiise
Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC)- Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Tajaajilaa qusannaa dhalarraa bilisaa haaraa “Zakaat” jedhamuu maamiltoota isaaf dhiyeessuu beeksise.
“Zakaat” hordoftoonni Amantaa Islaamaa qabeenya horatan akkata barsiisa amantaa isaaniin hamma taa’een ol yoo ta’u, qabeenya isaaniirraa harka qalleeyyiif kaffaltii ooluu akka kaffalan kan dirqamsiisuu ta’uun ibsameera.
Kaffaltii “Zakaat” karaa ammaayyaa’ee fi dambiiwwaan shari’aa hordofuun kaffaltii akka raawwatan kan dandeessisu ta’uun eerameera.
Tajaajilli qusaannaa “Zakaat” akaakuun, namoota dhuunfaa fi intarpiraayizoota xixiqqaan kan banamu ta’uu Pireezidaantiin Baankichaa Obbo Darribee Asfawu dubbataniiru.
Maamiltoonni qabeenyaa isaaniirraa ‘Zakaat’ baasuuf hammaa irraa eegamuu qusachuun kaffaltii isaanii raawwachuu kan dandeessisuudha jedhaniiru.
Kana malees, tajaajilichaan kaffaltii Zakaat walitti qabuun fedhii maamiltootaarratti hundaa’uun, dhaabbilee tola ooltotaaf kaffaltii dabarsuun tajaajilicha hawaasaan ga’uuf kan tumsu ta’uu ibsaniiru.
Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.