Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Hojii Gamtaa “Michuu Guyyaa” fi “Michuu Wabii” ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC)- Baankiin Hoji Gamtaa Oromiyaa tajaajila liqaa dijitaalawaa wabii hingaafanne ifoomseera.

Tajaajilichi sadarkaa biyyaatti kan jalqabaa ta’uu kan eere baankichi, Interpiraayizoota xixxiqqaa fi giddugaleeyyii deeggaruuf gosoota liqii “Michuu Guyyaa” fi “Michuu Wabii” jedhaman ifoomsuu beeksiseera.

Sagantaa tajaajilicha ifoomsuurratti Ministir Deetaa Ministeeraa Hojii fi Ogummaa Obbo Nugusuu Xilaahuun, Pireezidaantii Baankichaa Obbo Darribee Asfawuu dabalatee qoodafudhattoonni biroon argamaniiru.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa waliingahiinsa sirna tajaajila liqiitiin kaappitaalaa hojii lammiilee guddisuu fi kanneen daldala irratti bobba’an tumsuu cinaatti carraalee hojii uumuun diinagdee biyyaaf gahee olaanaa akka bahatu ibsameera.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.