Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaafi Saafaariikoom waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015(FBC)- Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa hojiimaatilee diijitaalaa babal’isuufi cimsuuf Saafaariikoom waliin waliigalatee mallatteessuu ibsame.

Waliigalticha Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Abbee Saannoofi Hojii Gaggeessaa Olaanaan Saafaariikoom Ityoophiyaa Anwaar Soosaan mallatteessuu TOI gabaaseera.

Baankichi fedhii maammiltootaa guutuuf hojiimaatilee ammayyaa garaagaraa hojiirra oolchaa jiraachuu pireezidaantiin baankichaa Abbee Saanoon ibsaniiru.

Maallaqni kuufamaa baankichaa Birrii tiriiliyoona 1 darbuu eeruun, tajajila diijitaalaa kennuu eegaluun isaa milkaa’ina isaaf shoora olaanaa ba’achuu kaasaniiru.

Waliigalteen guyyaa har’aa mallatteeffames tajaajiloota baankicha keessatti kennaman hojiimaata ammayyaan deeggaruuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Hojii Gaggeessaa Olaanaan Saafaariikoom Ityoophiyaa Anwaar Soosaan gamasaaniin, Ityoophiyaatti uwwisni diijitaalaa babal’achaa dhufuun isaa kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Waliigalteen Saafaariikoom Ityoophiyaan Baankii Daldalaa Ityoophiyaa waliin taasise hojiirra oolmaa diijitaalaayizeeshiniif gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.