Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa sirna kaffaltii Boba’aa diijitaalaa lama hojiirra oolche

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC) – Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa sirna kaffaltii Boba’aa Diijitaalaa lama hojiirra oolchuu beeksise.

Pireezidaantiin baankichaa Obbo Abbee Saannoon dhimmicha ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Sirni tokko CBE yoo ta’u, inni 2ffaan appilikeeshinii Boba’aa jedhu ta’uu eeraniiru.

Sirna kaffaltii kanneen ammayyeessuun qooda olaanaa qabaachuu fi Baasii Ityoophiyaan Maallaqa Maxxansuuf qabdu kan hir’isu ta’uu eeraniiru.

Sirni kaffaltii Diijitaalaa kun har’a Finfinneetti eegaluu eeruun, yeroo dhiyootti naannoleettis hojiirra kan oolu ta’uu dubbataniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.