Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Sagantaa Qusadhaa Badhaafamaan abbootii carraa Badhaase

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Sagantaa Qusadhaa Badhaafamaa,Fudhadhaa, Sharafadhaatii Badhaafamaa marsaa 21ffaa, 22ffaa fi 23ffaatiin abbootii carraa badhaaseera.

Sagantaa badhaasaa kanarratti Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itoophiyaa Obbo Abbee Saanoo, Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasee fi keessummoonni waamichi taasiifamee fi Abbootiin carraa argamaniiru.

Abbootiin carraa qusannaadhaan carraa argataniifi baankichatti sharafachuun badhaafaman Appaartaamaa Mana jirreenyaa Abbaa Ciisichaa lamaa 2, Konkolaattota Awutoomoobilii 13, Baajajota namoota ja’a fe’uu danda’an 36, Laaptooppota ammayyaa 90fi waliigala badhaasonni 141 abbootii carraa dhaqqabuu Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Obbo Abbee Saannoo ibsaniiru.

Bara kanas Baankichi tajaajila Baankii Biyyattii keessaa ammayyeessuufi guddina diinagdeef misoomaa keessatti ga’ee olaanaa ba’ataa kan jiru ta’uu mirkaneessuu ragaan fuula Baankichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.