Fana: At a Speed of Life!

Darbii 53 kan qabatee gamoon Baankii Daldalaa Ityoophiyaa haaraan Dilbataa dhufuu ni eebbifama

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC)- Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa ayyaana hundeeffamaa waggaa 80ffaa fi eebba gamoo haara olaanaa waajjiricha ilaalchisee ibsa laateera.

Preezdaantiin Baankichaa obbo Abbee Saanoo ibsa laataniin, gamoon Baankii Daldalaa Ityoophiyaa haaraa ijaarramee Afrikaa bahaatti guddaadha jedhaniiru.

Baankiichi erga hundeeffamee waggaa 80ffaa waliin sirna eebba gamichaa wal faanaa ta’uun isaa nu gammachiiseera jedhan.

Darbii 53 kan qabatee gamoon Baankii Daldalaa Ityoophiyaa haaraan Dilbataa ni eebbifamaas jedhaniiru.

Ijaarsi Baankichaa waggoota 5 fi baatiwwan 11 keessaa xumuramuu ibsameera.

Ijaarsa gamichaaf baasiin Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 303.5 baasii ta’uu obbo Abbee Saanoo ibsaniiru.

Baankichi baroota dabarsee keessaatti baankoonni biroon akka hundeeffamaniif shooraa olaanaa akka qabu ibsichaan kaasaniiru.

Fatiyaa Abdallatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.