Fana: At a Speed of Life!

Baankiin daldala Ityoophiyaa walakkaa waggaatti birrii biiliyoona 83.2 sassaabe

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) – Baankiin daldala Ityoophiyaa walakkaa waggaatti birrii biiliyoona 83.2 sassaabuu beeksise.
Bara baajataa 2013 walakkaa waggaatti dameelee baankichi bu’aa gaarii ittiin galmeessise keessaa, herreega kuufamaa haaraa miliyoona 2.5 bansiisudhaan yoo ta’u, kun immoo raawwii karooraa % 221n raawwachuun, dabalataan maallaqni kuufame Birriin biiliyoona 83.2 akka sassabamu ta’eera.
Waliigalaan kuufamni maallaqaa Baankii daldala Ityoophiyaa Birrii biiliyoona 678.7 kan gahe yoo ta’u, kunis karooraa ol % 107n raawwatameera.
Maamiloonni baankichaas miiliyoona 27.5 gahaniiru.
Baankichi madda faayinaansii proojaktoota misoomaa yoo ta’u, walakkaa waggaa kanatti Birrii biiliyoona 47.2 liqeessera. Birrii biliyoona26.1 immoo warra liqeesserraa sassaabera.
proojaktoota misoomaa gurguddoo kan mootummaa fi dhuunfaa fi daldala alaa irratti waan ta’eef, kanaafis ji’oota jahan darbanitti Doolaara biiliyoona 2.5 dhiheessera.
Hanga bara baajetaa walakkaa waggaa kanatti, qabeenyi waliigalaa baankii keenyaa Birrii biiliyoona 903.6 gaheera.
Raawwii kanaan dameelee haaraa 42 banuun yeroo ammaa dameeleen baankichaa 1,646 gahaniiru.
Baankicha tajaajila baankii dijitaal gochuuf hojii hojjateen, kaardiin ATM miiliyoona 1.4, moobaayil baankingiin miliyoona1.8, interneet baankingiin 9,200, maamiloota haaraa horachuun danda’ameera.
Maamiloota ‘CBE Birr’ miliyoona 2.6 fi bakka buutota ‘CBE Birr’ 7,600 ta’an gara hojiitti galaniiru.
Baankichi dhiibbaa vaayrasii koronaa dandamachuun, raawwii olaanaa galmeessun, bara faranjootaa darbe kanatti, baankota Afrikaa 100 keessaa sadarkaa 17ffaa yoo argatu, baankota baha Afrikaatti argaman keessaa ammoo sadarkaa 1ffaa tahuu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.