Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldala Ityoophiyaa kaffaltii kondominiyeemii jiraattoonni kanffalaa turan baatii sadiif yeroo boqoonna akka ta’u murteesse

Finfinnee, Eebila 8, 2012 (FBC)- Baankiin Daldala Ityoophiyaa kaffaltii kondominiyeemii jiraattoonni kanffalaa turan baatii sadiif yeroo boqoonna akka ta’u murteesse.

Baankiin Daldala Ityoophiyaa kaffaltii kondominiyeemii jiraattoonni kanffalaa turan, Eebila irraa hanga Waxabajjii 30 tti yeroo boqqonnaa akka ta’uuf murteesseera.

Sababa vaayrasii koronaatiin miidhaan hawaas- diinagdee guddaan akka hin geenyeef, lammiileen hojii isaanii akka dhaabaniif mootummaan murteessee jira.

Bu’uuruma kanaan lammiileen hedduun hojii dhabaa ta’uun galiin isaaniis addaan citeera.

Baankiin keenyaas dhukkubichi miidhaa guddaa akka hin geessifne gochuuf, kaffaltii kondominiyeemii jiraattoonni kanffalaa turan ji’a sadiif yeroo boqqonnaa akka ta’uuf murteessera.

Haaluma kanaan ji’a Ebla irraa hanga waxabajjii 30, 2012 tti, kaffalttiin liqii kan ji’aa fi dhalli isaa odoo hin herregamin kaffaltii isaa kan isiniif dheeressine ta’uu keenya yoo ibsinu kabaja guddaadhaani.

Baankiin keenya waggoottan darbanitti qusannaa ijaarsa kondominiyeemiif Birrii biiliyoona 50 ol kan walitti qaberraa yoo ta’u, warra carraan mana jireenyaa qaqqabeef immoo Birrii biiliyoona 15.4 ol dhiheessera.

Maamiltoonni yeroo kaffaltii ji’a sadiif dheerate kanaaf waliigalteen raawwatan hin jiru.

Baankichi yeroo kanatti, maallaqa walitti qabu danda’u Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 42 yeroo itti aanutti walitti qabuuf dheeresseera.

Preezdaantii fi Hojii Raawwachisaa Olaanaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Abbee Saannoo kaffaltii ji’aa manneen waliin jireenyaaf Yeroo turtii isaa baankichi dheereesse, maamiltoota sababa vaayrasii koronaan kaffalachuu hin dandeenyeef yoo ta’u, warri kaffalachuu danda’an odoo addaan hin kutin itti fufuu danda’u jedhan.

Carraa kanaan maamiltoonni gara Baankii keenyaa wayita dhuftan, vaayirasii koronaarraa of eeguuf maaskii fuula keessan golgu godhachuu, fageenya keessan eeguu fi daameewwan baankitti harka keessan dhiqachuu akka hin daganne isin hubachiifna.

Carraa kanaan, ummata kiristaanaa hundaan Baga Ayyaana Faasigaan isin gahe jechaa, Ayyaana gaarii akka isiniif ta’u hawwa !

Faasigaa mana oolun fayyaa keessan eegaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.