Baankiin Daldala Itiyoophiyaa fi Naannoon Oromiyaa gurgurtaa Xaa’oo mala Diijitaalaan raawwachuuf waliigalan
Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) – Baankiin Daldala Itiyoophiyaa fi Naannoon Oromiyaa gurgurtaa Xaa’oo karaa Diijitaalaan raawwachuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Xaa’oo Qonna Gannaa bara kanaaf oolu Qonnaan bultoota naannichaa qaqqabsiisuuf gurgurtaa Xaa’oo mala Diijitaalaan raawwachuuf waliigalteen kun raawwatamuu ibsameera.
Hogganaan Ejansii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Jamaal Kadirii fi Baankii Daldalaa Itiyoophiyaatti Eggattuu Itti Aantuun Pireezidaantii Baankii Diijitaalaa Aadde Malkaam Tsahaay waliigalticha mallatteessuu ragaan baankiicharraa argame ni mul’isa.
Waliigalteen kun dhaamaatii qonnaan bultootaa hir’isuu, harcaatii fi hanqina dhiyeessii xaa’oo hambasuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Obbo Jamaal Kadir eeraniiru.
Karaa si’ataa fi yeroo qusatuun tajaajila gurgurtaa xaa’oo CBE Birriin raawwachuuf filannoo dhiyaate ta’uu Aadde Malkaam Tsahaay eeraniiru.
Hanqinni hubannoo akka hin muudanne hojiin qaama dhimmichi ilaallatuuf hubannoo uumuu kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.