Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldaala Ityoophiyaa magaalaa Adwaaattii tajaajila kennu eegalu beeksise

Finfinnee, Mudde 18 , 2015 (FBC)- Baankiin Daldaala Ityoophiyaa magaalaa Adwaaattii guyyaa har’a tajaajila kennuu eegaluu beeksiseera.

Baankichi waliigaltee nageenyaa mootummaa fi ABUT gidduutti taasiifame hordofee magaalaa Shiree, Allaamaaxaa fi Koreemitti tajaajila kennu eegaluun isaa ni yaadatamaa.

Haaluma kanaan guyyaa har’aas magaalaa Adwaatti tajaajila eegaluu ibsuun, gara fuula duraattis magaalaa Maqalee fi magaaloota biroo keessatti tajaajila eegaluuf qophii barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibsuu ragaan baankii Daldalaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.