Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daashin namoota dandeettii hojii uumuu qaban 114 torban tokkoof leenjise eebbisiise

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Baankiin Daashan sagantaa carraa hojii uumuu “Ethiopian Talent Power Series” jedhamuun leenjii leenjitootaa naannoo Oromiyaa Adaamaatti leenjisaa ture 114 eebbisiise.

 

Leenjiin kun piilaarota jaha Kan qabu yoo tahu, leenjii carraa hojii uumuu, ijaarsa dandeettii Intarpiraayizoota xixiqqaafi giddu galeessaa, sagantaa deggarsa fayinaansii barnoota olaanoo, sagantaa qaqqabummaa faayinaansii, sagantaa kilabii bizinasii hundeessuufi walitti hidhaminsa gabaafi deggarsa faayinaansii taasisuu of keessaa qaba.

 

Leenjiin kunis lammiiwwan dandeettii hojii uumuu qaban dameewwan baankichaatti galmaa’aniif Wiixata Amajjii 25-29, 2012tti kan kennamedha.

 

Obbo Mohaamnad Abbooyyee Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa sirna eebbichaarratti dhaamsa dabarsaniin mootummaan badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf carraawwan biyya keessaarratti xiyyeeffachuun dhaabbilee dhuunfaafi abbootii qabeenyaa waliin hojjechaa jira jedha.

 

Sagantaan Baankii Daashaniin eegalame kunis qaama karoorichaa yoo ta’u, carraa hojii uumuun cinaatti itti fayyadama qarshiifi waliitti hidhamiinsa gabaa mijeessuu keessatti gaheen qabu olasnaa waan taheef nutis gama keenyaan deggarsa barbaachisu ni taasifna jedhan

 

Akk BDHKMNO gabaasetti; Baankichi sagantaa carraa hojii uumuu “Ethiopian Talent Power Series” jedhamu Kan naannoo Oromiyaa torban darbe ifoomsuunsaa ni yaadatama.

Kilabiin bizinasii Daashan Adaamaas har’a ifatti hundeeffameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.