Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daashan proojaktii maaddii biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 30 taasise

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Baankiin Daashan proojaktii maaddii biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 30 taasiseera.

Baankichi waamicha muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad proojaktii maaddii biyyaaf taasisan fudhachuun deeggarsicha kan taasise.

Proojaktii kanaaf Birrii biiliyoona 3 ykn doolaara Ameerikaa kuma dhibba 1 walitti qabuf karoorfameera.

Deeggarsa proojaktichaaf abbootii qabeenyaa dhuunfa, diyaaspooraa, akkasumaas hawaasni dippiloomaatiki shooraa isaanii akka ba’aan ni eegama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.