Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa Baankota ulaagaa hundeeffamaa guutan saddeetiif eeyyama kenne

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa Baankota ulaagaa hundeeffamaa guutan saddeetiif eeyyama kennuu beeksiseera.
Daayrektarri To’annoo Bankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa Fireezar Ayyaalawu, jijjiirama damee faayinaansiirratti dhufaa jiru hordofee, baankonni hedduun gaaffii hundeeffamaa dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Baankiin Biyyaalessaa Onkoloolessa 2014 irraa eegalee baankii hundeessuuf kaappitaalaa gadaanaa Birrii miiliyoona 500 irraa gara Birri biiliyoona 5’tti guddisuu yaadachiisanii, ulaagaa kaa’amee kan guutaniif eeyyamni kennamaa jiraachuu eeraniiru.
Haaluma kanaan baankii hundeesuuf gaaffilee dhiyaatan 25 keessaa ulaagaa baankiin biyyaalessa baase kan guutan baankota saddeetiif eeyyamni kennamuu eeraniiru.
Dabalataan, baankonni sadii adeemsa eeyyama argachuurra akka jiraanii fi baatiiwwan sadii keessatti akka eeyyama argatan eerameera.
Haaluma walfakkatuun, dhaabbilee faayinaansii xixiqqaa gara baankiitti ceesisuuf baraa 2012’rraa eegalee Baankiin Biyyaalessaa qajeelfama baaseen ulaagaa kaa’ame kan guutan dhaabbilee faayinaansii xixiqqaa sadii gara baankiitti ceesisuu himaniiru.
Dhaabbileen biroon lama ammo ce’uudhaaf adeemsarra akka jiran ibsan.
Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa hanga ammaatti baankota 28’f eeyyama kenneera.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.