Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Biyyaalessaa Imaammata Baankiifi Inshuraansirratti dhaabbilee faayinaansii waliin mari’achaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015(FBC)- Baankiin Biyyaalessaa Imaammata Baankiifi Inshuraansii Mana Maree Ministirootaan ragga’e akkasumas fooyyessa wixinee labsii Baankiifi Inshuraaniirratti dhaabbilee faayinaansii garaagaraa waliin mari’achaa jira.

Sanadoonni mariin irratti gaggeeffamu kunneen damee baankiifi inshuraansiin beekumsa, ogummaafi teekinooloojii babal’isuuf kan gargaaran ta’uu eerameera.

Kana malees damichi si’ataafi dorgomaa taasisuuf akkasumas damicha haala guddina biyyattii madaaluun guddisuuf ga’ee qabaachuu ibsameera.

Addisuu Muluunahitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.