Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash horsiisee bultoota godina Gujii hongee fi rakkoo nageenyaatiin miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 8 ol taasise

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC)– Baankiin Awaash horsiisee bultoota Godina Gujii sababa hongee fi rakkoo nageenyaatiin rakkoolee garaagaraan saaxilamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miliiyoona 8 oliin bituun taasiseera.

Hojii gaggeessaan Baankii Awaash Damee bulchiinsa magaalaa Nageellee Obbo Huseen Seefuu, baankichi aanaalee gammoojjii godina Gujii keessaatti sababa hongee fi rakkoo nageenyaatiin hawaasa horsisee bulaa rakkoof saaxilaman bira dhaabbachuuf Baankichi midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 8 fi kuma 400n bitee deeggaru isaa dubbataniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Buusaa Gonofaa Godina Gujii Obbo Liiban Dabbasoo Baankii Awaash deeggarsa taasiseef galateeffataniiru.

Akka OBN gabaaseetti deeggarsi taasifame aanaalee gammoojjii fi badda daree godinicha keessaatti, sababa hongee bara kana muudatee fi rakkoo nageenyaatiin hawaasa deeggarsa barbaaduu karaa iftoomina qabuun kan qoodamu ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.