Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa deeggarsa milkaa’ina traanisfoormeeshinii diijitaalaa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Baankiin Addunyaa deeggarsa milkaa’ina sagantaa traanisfoormeeshinii diijitaalaa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Gareen Jila Baankii Addunyaarraa walitti babba’e Ityoophiyaatti waajjiraalee sagantaa traanisfoormeeshinii diijitaalaa hojiirra oolchan waliin haala hojiirra oolmaasaarratti mari’ateera.

Yeroo itti aanutti ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi proojektiiwwan dabalataa haala hojiirra oolchuun danda’amurratti mari’atamuus ibsameera.

Baankichi deeggarsa milkaa’ina traanisfoormeeshinii diijitaalaa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu hogganaan Imaammata ICT baankichaa Dooktar Tiim Keeliin dubbataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin raawwii proojektichaarratti ibsa kan laatan yoo ta’u, deeggarsa baankichi taasisuuf galateeffachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.