Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa deeggarsa hojiilee misoomaa Ityoophiyaaf taasisu kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan jila garee Baankii Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin, hojiilee tumsaan waliin hojjechuu danda’an adda baasuun waloon hojjechuuf waliigaluu eerameera.

Baankiin Addunyaa misooma Ityoophiyaa deeggaruun gahee olaanaa qabaachuu Dooktar Fitsum ibsaniiru.

Tumsiifi deeggarsi kun cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Ityoophiyaatti Daayrektarri Baankii Addunyaa Usmaan Diyoon gamasaaniin, baankichi deeggarsa hojiilee misoomaa mootummaan Ityoophiyaa guddina biyyattii saffisiisuuf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.