Fana: At a Speed of Life!

Baankichi Walga’ii Baankii Addunyaa fi IMF irratti hirmaachuun Maqaa gaarii Itiyoophiyaa ijaaruu, daldalaa fi invastimantii babal’isuuf kan gargaaruudha-Obbo Maammoo Mihiretuu

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC)- Bankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa walga’ii waggaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata maallaqaa Addunyaa (IMF) irratti hirmaachuun maqaa gaarii Itiyoophiyaa ijaaruu, daldalaa fi invastimantii babal’isuuf kan gargaaru ta’uu Bulchaan Baankichaa Maammoo Mihiretuun dubbatan.

Jilli Itiyoophiyaa Walga’ii Waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa fi Baankii Adduyaarratti hirmaateera.

Walga’icharratti hirmaannaan Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa taasise ilaalchisuun Obbo Maammoo Mihiretuun ibsa kennaniin, diinagdeen Addunyaa bara faranjootaa 2024/25 %3.2 akka guddatu raagameera jedhan.

Qaala’iinsi gatii sadarkaa addunyaa imaammata tarsiimawaa baankonni giddugaleessaa fudhataniin tasgabbaa’aa jiraatus, ammallee qaala’iinsi jireenyaa olkaa’aa akka ta’e ibsamuu himaniiru.

Sadarkaa Addunyaatti idaan mootummaa dabaluu fi tiriiliyoona 100 qaqqabuu walga’ichaan akka sodaatti kaafamuu dubbatan.

Qoqqodamni siyaasa quubsumaa fi dhorkiin daldalaa babal’achuun guddina diingdee bara giddugaleessaa addunyaarratti dhiibbaa akka uumuu kaafameera jedhan.

Walta’iinsa biyyoota gidduu babal’isuu, galii biyya keessaa dabaluu, imaammata maallaqaa cimaa hordofuu, tarkaanfiiwwan hojimaata guddinaa utuban fudhachuun guddina biyyootaa waaraa akka taasisuu danda’u kaafamuu ibsan.

Jilli Itiyoophiya walga’ii dhabbilee lameeniirratti hirmaachuun cinaattis dhaabbilee idil addunyaa, ardii fi abbootii qabeenyaa akkasumas tumsitoota garaagaraa waliin mari’achuu ibsaniiru.

Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaas dhaabbilee waliin marii gamlamee taasiserratti waa’ee rifoormiiwwan diingdee gooroo, keessumaa hammattoo tarsiimoo maallaqaa haaraa fi bulchiinsa sharafa alaan bu’aalee argaman, wayita riifoormiitti gufuulee mudatanii fi dhiibbaa cinaa hir’isuuf qophiiwwan duraa taasifamaan ilaalchisuun ibsi bal’aan taasifameera jedhan.

Dhaabbileenis ibsa taasifameefiin tarkaanfii Itiyoophiyaan fudhachuu eegaltee kan dinqisiifatanii fi akka fakkeenyaatti kan fudhatamu ta’uu ibsuu himan.

Dabalataan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qaban cimsuuf fedhii qabaachuu akeekuu ibsaniiru.

Hirmaannaan Baankii Biyyaalessaa walga’icharratti qabaate milkaa’aa fi maqaa gaarii Itiyoophiyaa ijaaruu, daldaldaa fi invastimantii babal’isuuf kan gargaaru, riifoormii dinagdee mootummaan eegaleefis deeggarsa walitti qabuuf kan tumsu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.