Fana: At a Speed of Life!

Baankichi Tajaajila Baankii Dhalarraa Bilisaan Birrii biiliyoona 100 ol kuusu beeksise

Finfinnee, Muddee 13, 2016 (FBC)- Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa waggootaan 10’n darbaan Tajaajila Baankii Dhalarraa Bilisaan (CBE-Noor) Birrii biiliyoona 100 ol kuusuu beeksise.

Waggaa 10ffaa Tajaajila Baankii Dhalarraa Bilisaa (CBE-Noor) Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Magaalaa Jimmaatti kabajame.

Bankichi seeraa shari’aa bu’uureffachuun Tajaajila Baankii Dhalarraa Bilisaa eegaleen waggoota 10 keessatti maamiltoota miiliyoona 6.5 horachuun ibsameera.

Haaluma kanaan tajaajilichaan Maallaqa kuufamaa Birrii biiliyoona 100 ol walitti qabuu Pireezidaantii Ittaanaa Tajaajila Baankii Dhalarraa Bilisaa Baankichaa Obbo Nuurii Huseen ibsaniiru.

Sagantaa kabaja tajaajilichaa waggaa 10ffaa ilaalchiseen qophaa’errattis maamiltoota Tajaajila Baankii Dhalarraa Bilisaa waliin marii bal’aan gaggeeffameera.

Warqaafarraa Yaalewutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.