Fana: At a Speed of Life!

Baankichi sagantaa fudhaa, sharafadhaa, badhaafamaa marsaa 3ffaan abbootii carraa badhaase

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Baankiin Oromiyaa sagantaa fudhaa, sharafadhaa,badhaafamaa marsaa 3ffaan abbootii carraa badhaaseera.
Baankichi Waajjira Muummee Finfinnee naannawaa Dambalitti argamutti abbootii carraaf konkolaataa Izuuzii tokko, baajaajii afur, motoora bishaan harkisu afur, doqdoqqee lama, soolar paanelii saddeetii fi Moobaayilii ‘Samsang Smart phone’ 20 Abbootii carraa badhaaseera.
Distiriiktiwwan Finfinnee Afur carraa 73 ol qopheessan keessaa har’a Abbootiin carraa 36 badhaafamaniiru jedhame.
Lammiileen biyya alaa jiraattan kanneen Baankii Oromiyaan sharafattanii fi maallaqa ergitan hundi biyya akka deeeggartanii fi fayyaddanitti hubachuun sharafa karaa seeraan alaan gaggeeffamu mormuun qabdan jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Oromiyaa obbo Tafarii Makonniin.
Qiddist Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.