Fana: At a Speed of Life!

Baankichi Meqedooniyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasise

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC)- Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Giddugala Kunuunsa Maaguddotaa fi Dhibamtoota Sammuu Meqedooniyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasise.

Deeggarsichaas Pireezidaantiin Baankichaa Abbee Saannoo Fi Miseensonni Hoggansaa Hojii Baankichaa Hundeessaa fi Hoji Gaggeessaa Olaanaa Giddugalichaa Biiniyaam Ballaxaattii kennaniiru.

Deeggarsi baankichi taasise Giddugalichi Hospitaala kunuunsa maanguddootaa Magaalaa Finfinneetti ijaarsisaa jiruuf kan oolu ta’uu ibsamuu TOI gabaaseera.

Giddugalichi Magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii 33’tti giddugala banuun lammiilee hedduu baraaraa jiraachuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.