Fana: At a Speed of Life!

Baankichi horsiisee bultoota godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC) – Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa horsiisee bultoota godina Booranaa hongeen miidhamanii fi marga loonii deeggarsa midhaaniif Birrii miiliyoona 20tti tilmaamamuu taasiseera.

Deeggarsa kana hojjettoota baankichaa dameewwan garaagara irraa marsaa 2ffaaf walitti qabuun daakuu kuntaala kuma 1 fi 600, nyaata daa’immani kuntaala 400, zayita nyaataa leetira kuma 10 fi marga horii hidhaa kuma 20, Birrii miiliiyoona 20 bituun hawaasa horsiise bulaa Godina Booranaatiif dhiyeessu isaani hojii geggeessaan Baankii hojii Gamtaa Oromiyaa distrikti Hawaasaa obbi Tesfaayee Nagarii himan.

Maanguddoonnii fi Abbootiin Gadaa Booranaa hojii geggeesitoota baankichaa deeggarsa kana hawaasa isaani hongeen miidhameef taasisaan galateeffataniiru.

Itti Aanaan Bulchaa Godina Boorana Obbo Abdisalaam Waariyo baankii hojii gamtaa Oromiyaa deeggarsa isaan hawaasa horsiise bulaa Godina Booranaatiif taasisan galateeffachuu ragaan kominikeeshinii godina Booranaarra argame ni muul’isa

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.