Fana: At a Speed of Life!

Baankichi galii Birrii Biiliyoona 135 ol argachuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC)- Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa bara baajataa 2016’tti galii Birrii biiliyoona 135.4 argachuu beeksise.

Baankichi, galiin argatee kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu %13 guddina agarsiisuu ibseera.

Gibiraan dura bu’aa Birrii biiliyoona 25.6 argachuu ibseera.

Maallaqni kuufama waliigalaa baankichaa tiriiliyoona 1.17 kan darbe ta’uu fi maamiltoota keenyaa miiliyoona 45 horachuu akka danda’e beeksiseera.

Bara baajataatti liqiin birrii biiliyoona 218 ol kenne eeruu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

Fooyya’iinsa siistamaan walqabatee rakkoo Bitootessa 7, 2016 mudateen, Birrii miiliyoona 801.4 seeran ala fudhatame keessaa, Birrii miiliyoona 796.6 yookaan %99.34 deebisiissuu, Birrii miiliyoona 4.76 hafe ammoo deebisiisuuf tattaaffiin taasifamu cimee itti fufuu beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.