Fana: At a Speed of Life!

Baankichi bara kana maamiltoota tajaajila baankii dhalarraa bilisaas Birrii biiliyoona 6 ol liqeesse

Finfinnee, Mudde 12, 2016 (FBC) – Baankiin Oromiyaa bara kana maamiltoota tajaajila baankii dhalarraa bilisaaf Birrii biiliyoona 6 ol liqeessuu beeksiise.

Baankichi Ayyaana Waggaa 10ffaa Tajaajila dhala irraa bilisaa sababeeffachuun maamiltoota isaa waliin Magaalaa Shaashamanneetti marii gaggeesseera.

Baankichi hanga ammaatti Birrii biiliyoona 8 maamiltoota isaarraa walitti qabuu ibsuun maallaqa kuufamaa walitti qabame keessaa Birrii biiliyoona 6 ol deebisee maamiloota baankii dhalarraa bilisaaf liqeessuu eerameera.

Baankichi hawaasni musilima Baankii dhala irraa bilisaa fayyadamuun tajaajila barbaadu argatee diinagdeen akka of ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Gorsaan Koree Baankii dhala irraa Bilisa Baankii Oromiyaa Dooktar Sheek Mohaammad Huseen himaniiru.

Baankichii fedhii maamiltoota galmaan gahuuf qooda fudhattoota waliin hojjetaa jiraachuus Daayrekterri Baankii Oromiyaa Distiriiktii Shaashamannee Obbo Urgee Dirribaan eeraniiru.

Baankichi maamiltoota tajaajila baankii dhalarraa bilisaa fayyadaman miiliyoona 1.2 horachuu kaasaniiru.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.