Fana: At a Speed of Life!

Baankichi Baankii Addunyaa waliin ta’uun sadarkaa biyyaalessaatti  Intarpiraayizoota Xixxiqqaa fi giddugaleessaaf leenjii kennaa jira

Baankichi Baankii Addunyaa waliin ta’uun sadarkaa biyyaalessaatti Intarpiraayizoota Xixiqqaa fi giddugaleessaaf leenjii kennaa jira

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Baankiin Misooma Ityoophiyaa Baankii Addunyaa waliin ta’uun sadarkaa biyyaalessaatti Yeroo 3ffaaf Intarpiraayizoota Xixiqqaa fi giddugaleessaaf magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jiraachuu ibsameera.

Leenjicharratti Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministironni, hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo fi leenjifamtoonni hirmaataniiru.

Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Baankiin Misooma Ityoophiyaa leenjicha akka qopheessuuf qaamolee ga’eesaanii ba’atan hunda galteeffataniiru.

Leenjifamtoonni leenjii isaaniif kennamurraa waan argatan hojiitti jijjiiruun misooma biyyattii keessatti ga’ee isaanirraa eegamu ba’uu akka qaban dhaamaniiru.

Bifuma walfakkaatuun bankichi godina Arsiitti namoota 900’f leenjii kenneera.

Baankichi godinichatti waaldaalee fi Intarpiraayizoota xixiqqaa dhuunfaa 60 oliif liqaa kennuudhaan carraa hojii namoota hedduuf uumuu ibsameera.

leenjii baankii misooma Ityoophiyaan kennamaa jiru guddina  godinichaaf carraa guddaa ta’uu bulchaan godina Arsii obbo Musaa Furoo ibsaniiru.

Miidhaqsaa Qachaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.