Fana: At a Speed of Life!

Baangilaadeesh namoota yakka dirqiin gudeeduu raawwatan du’aan adabuufi

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Baangilaadeesh namoota yakka dirqiin gudeeduu raawwatan du’aan adabuuf akka ta’e ibsame.
 
Baangilaadeeshitti yakka gudeeddii dubartootarratti raawwatamu mormuun hiriirri mormii guyyootaf gaggeeffamaa tureera.
 
Sababa kanaan biyyattiin namoota yakka dirqiin gudeeduu raawwatanirratti murtoo du’aa dabarsuuf murteessuu ishee ibsameera.
 
Dhimma kanarratti dambiin seeraa kan qophaa’u ta’uu Preezdaantiin Baangilaadeesh Abduul Hamiid dubbachuu isaanii Ministirri Ministeera Seeraa biyyatti Aliisuul Hak beeksisaniiru.
 
Torbee darbe yakki gudeeddi gareen dubartii tokkorratti raawwatame jechuun miidiyaalee hawaasaan erga tatamsa’ee biyyattii mormii cimaan muudateera.
 
Bara darbe biyyattiitti yakki dirqi siisaanii gudeeduu kumni 5 fi 40 o raawwatamuu ibsameera.
 
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.