Fana: At a Speed of Life!

Baandiin Afran Qalloo Aartii Oromoo har’aatiif hidda dhiigaa hin cinneedha – Artistoota Oromoo

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) –Baandiin Afran Qalloo Aartii Oromoo har’aatiif hidda dhiigaa hin cinneedha jedhan Artistoonni gameeyyii Oromoo.

Tuutni Hawwisoo Baandii Afran Qalloo Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatti sochii Aartii Oromoo ilaalchisee Artistoota Gameeyyii Oromoo fi jaallattoota aartii waliin mari’ateeraa.

Sirnicharratti kan argaman Artist gameessi Artist Yoonis Abdullaah , Baandiin Hawwisoo Afran Qalloo guddina Afaanii fi Aartii Oromoo har’aatiif bu’uura jedhan.

Baandiin Hawwisoo Afran Qalloo bara 1962 Dirree Dawaatti kan hundeeffame ta’ullee cunqursaa mootummoota abbaa irreen akka barbaadametti imalaa hin turre kan jedhan artistoonni ,ta’us aarsaa artistoonni Oromoo hedduu kaffalaniin utubamee har’a ga’uu danda’eera jedhan.

Hogganaa Biiroo Aadaa fi Turiziimii Bulchiinsa Dirree Dawaa obbo Mikaa’el Indaalaa, biiftuun akkuma bahaan baatu Aartii Oromoo qofa osoo hin taane Aartii biyya kanaa hundaaf biiftuun Aartii kan baate ba’a Oromiyaa Ona Afran Qallootiin jedhan.

Aartiin mallattoo jaalaalaa fi tokkummaa ta’uu hawaasa Baha Oromiyaa irraa baruun ni danda’ama kan jedhan obbo Mikaa’el Indaalaa , kana galmaan ga’uuf immoo diinagdeen utubuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Aartiifi Afaan Oromoo guddisuu keessatti Baandiin Hawwisoo Afran Qalloo shoora guddaa qabaachuu isaan Artistoonni Oromoo waggoottan darban gammoojjii biyyoota ormaa keessatti aarsaa hedduu kaffalaniiru.

Guddina Afaanii fi Aartiin Oromoo waggoottan darbe bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee asi gahe itti fufsiisuuf dhaloonni har’aa ga’ee guddaa akka qabus Artistoonni gameeyyiin Oromoo dhaamaniiruu.

Saganticharratti Artist Yoonis Abdullaah, Artist Ahmad Abrooshee dabalatee Artistoonni Oromoo biroo fi jaallattoonni aartii hedduun kan argaman yoo ta’u, walaloo, diraamaa fi barruuleen garagaraa sirnicharratti dhiyaateera.

Nageessoo Kadirtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.