Fana: At a Speed of Life!

Baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 79 to’atame

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC)- Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaatti baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 79 to’atamuun himame.

Waajjira Poolisii Aanichaatti Itti Gaafatamaan Dagaagina Naamusaa fi Inispeekshiinii Gargaaraa Inispeektaraa Damissi Girmaa, baalli sammuu namaa hadoochu kun hawaasa irraatti miidhaa olaanaa kan geessisu ta’u himaniiru.

Namoota faayidaa dhuunfaa argachuuf oomisha baalichaarratti bobba’an, hawaasni eeruu kennuun saaxiluu akka qabuu fi gochi kun gama seeraatinis yakkamaa akka nama taasisu hubachiisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, aanichatti dargaggoota miidhaa fayyaa fi araada garaagaraaf wantoonni saaxilan too’atamuun akka gubamu taasifameera.

Biqilaa Tufaatu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.