Fana: At a Speed of Life!

Baaleetti tajaajilli lammummaa Gannaa Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamu hojjetame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Godina Baaleetti hojiileen tajaajila lammummaa Gannaa Birrii biiliyoona tokkoo olitti tilmaamamu hojjatamuu Waajjirri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Godina Baalee beeksise.

Itti Gaafatamtuun Waajjirichaa Aadde Hindiyyaa Huseen akka jedhanitti, Ganna kana maatii harka qalleeyiif manni jireenyaa kuma 1 fi 469 ijaarameera.

Kana malees barattoonni maatiin harka qalleeyyii kuma 128 ta’aniif deeggarsi meeshaalee barnootaa garaagaraa taasifamuu, haadholee harka qalleeyyiif deeggarsi loon aananii taasifamuun walumaagalattii hojiileen tajaajila lammuummaa Gannaa Birrii biiliyoona tokkoo olitti tilmaamauu hojjetamuu ibsaniiru.

Ittaanaan Bulchaa Godina Baalee Obbo Abrahaam Haayilee gamasaaniin, hojiilee tajaajila lammummaan hawaasa fayyadamoo taasisuun cinaatti misoomarratti hirmaannaa hawaasaa dabalaa dhufuu himaniiru.

Qaamolee milkaa’ina hojii tajaajila lammummaa Gannaaf tumsa olaanaa taasisaanis galateeffachuu ragaan Kominikeeshinii Godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.