Fana: At a Speed of Life!

Baaleetti daandiilee Birrii biiliyoona 4.3’n ijaaruuf eegalamanii addaan citan xumuruuf xiyyeeffatamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Godina Baaleetti daandiilee daandiilee Alii-Agaarfaa-Gobeessaa, Dalloo Sabroo-Jaarraa-Dirree Sheek Huseen, Roobee-Gaasaraa-Birbirsaa Birrii biliyoona 4.3’n eegalamanii addaan citaan xumursiisuuf xiyyeeffachuu Bulchiinsi Daandiiwwan Federaalaa ibse.

Bulchiinsi Daandiiwwan Federaalaa waajjira damee Baaleetti baneera.

Daandiilee asiin dura hojjatamaa jiranii fi hojiin isaanii addaan citee daandii Alii-Agaarfaa-Gobeessaa KM 56.4,daandii Dalloo Sabroo-Jaarraa-Dirree Sheek Huseen KM 78,Roobee-Gaasaraa-Birbirsaa KM 60 walumaagala Birrii biiliyoona 4.3 oliin hojjatamu ijaarsasaa xumursiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjatuu ta’uu Bulchiinsa Daandiiwwan Federaalaatti Hojii Gaggeessaan Waajjira Daandiiwwan Waajjira Naannawa Baalee Injinar Kadiir Radii dubbataniiru.

Godinalee Baalee lamaanitti barana daandiilee haaraa Roobee-Gooroo-Sofumar KM 122, Goobbaa-Barbaree-Dalloo Mannaa KM 112, Gaasaraa-Birbirsaa-Gindhiir KM 68 hojjechuuf sochiin taasifamaa jiraachuus himaniiru.

Bulchiinsa Daandiiwwan Federaalaa Damee Giddugaleessatti Daarektarri Ijaarsa Daandiiwwanii Injinar Umar Huseen gamasaaniitiin, godinaalee Baalee lamaan keessa rakkoolee daandii jiran furuuf pirojektoota daandii qabaman qulqullinaa fi yeroo qabame keessatti akka xumuramaniif itti dhiheenyaan hordofuuf waajjiricha banuu himuu ragaan Waajjira Kominikeeshii Baaleerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.