Fana: At a Speed of Life!

Baaleetti biqiltuu Bunaa miiliyoona 26 ol dhaabuuf qophaa’aa jira

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Godina Baaleetti biqiltuu bunaa sanyii fooyya’aa miiliyoona 26 ol dhaabuuf qophaa’aa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Itti Gaafatamaan Garee Misoomaa fi, Qulqullina Bunaa fi Mi’eessituu Waajjirichaa Obbo Wandasan Naggaa akka himanitti, misoomaa fi oomishtummaa bunaa guddisuuf biqiltuuwwan Bunaa filatamaa ta’an miiliyoona 26.4 Ganna dhufu dhaabuuf qophaa’aa jiraachuu himan.

Biqiltuun bunaa kun Giddugaloota Qorannoo Qonnaa Machaaraa fi Jimmaa irraa kan gadi lakkifaman yoo ta’u dabalataan naannichatti sanyiilee bunaa fooyya’an 15 kan hammatedha jedhan.

Biqiltuu Bunaa qophaa’aa jirus oomisha fooyya’aa kan kennuu fi dhukkuba kan dandamatu ta’uun eeruun, sanyiin kunis heektaara tokkorraa kuntaala 12 ni argamsiisan kan abadatamu ta’uu himan.

Godinni Baalee aanaalee 10 buna misoomsuun kan beekaman ta’uun ibsamuu ragaan kominikeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.