Fana: At a Speed of Life!

Baaleetti abbootiin qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 2.2 galmeessisan invastimantiirratti baba’aniiru jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2015 (FBC)- Godina Baaleetti abbootiin qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 2.2 galmeessisan 262 dameelee invastimantii garaagaraarratti hojjataa jiraachuu Waajjirri Invastimantii fi Indaastirii godinichaa beeksise.

Godinichatti fooramiin abbootii qabeenyaa fi mootummaa gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Itti gaafatamaan Waajjira Invastimantiifi Indastirii Godina Baalee Obbo Muhammad Ibroo godinichatti yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa 262 kaappitaala Birrii biiliyoona 2.2 galmeessisan hojiilee invastimantii garagaraarratti hojjataa jiraachuu himan.

Kanneen keessaa 59 qonnaan bultoota gara invastimantiitti ce’an ta’uus dubbataniiru.

Ittaanaan Bulchaa Godina Baalee Obbo Abrahaam Haayilee gamasaaniin, guddina biyya tokkoo saffisiisuu keessatti gaheen abbootii qabeenyaa olaanaa ta’uu kaasnii, abbootii qabeenyaa misoomawoo jajjabeessuun diinagdee biyyaa guddisuuf xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’uu himaniiru.

Godina Baaleetti abbootii qabeenyaa hojii invastimantiirratti hojjataniin carraan hojii namoota kuma 22 ta’aniif uumamuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Godinichatti abbootii qabeenyaa hojiilee invastimantiin fakkeenya ta’aniif beekkamtiin kennameeraa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.