Fana: At a Speed of Life!

Balaa baaburaa Xaaliyaanitti mudateen lubbuun namoota lamaa darbe

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Balaa baaburaa Xaaliyaanitti mudateen lubbuun namoota lamaa darbeera.

Balaa baaburaa naannoo Kaabaa Xaaliyaan magaalaa Loodiitti mudateen lubbuun namoota lamaa darbuun himame.

Ka’umsi balaa kanaas ariitii olaanaa akka ta’e ibsameera.

Namoonni du’an lamaan warreen baaburicha oofan yoo ta’an, nama tokkorra ammoo miidhaa cimaan ga’eera.

Baaburichaan namoonni 28 imalaa kan turan yoo ta’u, miidhaan qaamaa salphaan irra ga’uus dhaabbanni baaburaa biyyattii ibseera.

Hojjettoonni balaa abiddaa bakkichatti argamaniiru.

Maddi:- BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.