Fana: At a Speed of Life!

Baakteriyaa Garaachaa

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Baakteriyaan Garaachaa uummata addunyaa harka % 50 ol keessatti argama.

Namni baakteriyaan kun keessatti argamu yeroo baay’ee mallaattoo hin agarsiisu, garuu namoota muraasa irratti qunca’uu garaachaa,madaa garaachaa fi kaansarii garaachaa fiduu danda’a

Baakteriyaan garaachaa haguugduu garaachaarratti miidhaa geessisuun garaachi namaa asiidii garaachaaf akka saxilamu gochuu fi kallattiin garaacha namaa miidhun dhukkuba garaachaaf nama saaxila jedhu ogeeyyiin yaala fayyaa.

Mallattoo isaa:-

Yeroo baay’ee mallattoon hin agarsiisu,garuu namoonni sababa kanaan garaachi isaanii miidhame mallattoolee armaan gadii muul’isuu malu

– Gubaatii qara laphee jalaa

– Fedhii nyaataa dhabuu

– Nyaata xiqquma akka nyaataniin quufuu

– Garaa bokoksuu

– Ol deebisuu kajeeluu

– Garaan nama wacuu

-Ulfaatinni qaamaa hir’isuu

Akkaataa ittiin nama qabu:-

1. Bishaan qulqullins hin qabne dhuguun

2. Nyaata sirriitti hin bilchaanne ykn qulqulluu hin taane nyaachun

3.Dhungoon ykn gororaan

-Waliigalatti nyaataa fi dhugaatii qulqulllina hin qabneen namaa namatti daddarba.
Yaala isaa:-

Namoonni mallattoo infeekshiinii kana qaban qoricha fudhachuun furmaata argachuu danda’u

– Qoricha farra baakteriyaa -Amoxicillin, Clarithromycin, Metronidazole jedhaman.

– Qoricha asiidii hir’isu

-Omeprazole, pantoprazole jedhaman fudhachuu

– H2 Blocker-Cimetidine,Ranitidine.

– Qoricha haguugduu garaachaa dabalu fi madaan akka fayyu godhu-Bismuth subsalicylate jedhamu fayyadamuu

➪ Amoxicillin + rifabutin + PPI (omeprazole) -Guyyaa 14’f fudhachuu

➪ Clarithromycin + amoxicillin/ metronidazole + PPI guyyaa 14’f fayyadamuu

Dabalataanis of eeggannoo armaan gadii taasiisuun barbaachisaadha:-

-Qoricha NSAIDs fudhachuu dhiisuu ykn fudhachuun dura ogeessa fayyaa mariisisuu

-Alkoolii dhuguu dhiisuu

-Sigaaraa aarsuu dhiisuu

Maddi:- fuula Waa’ee Fayyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.