Fana: At a Speed of Life!

Baajatni bara 2016 Birrii Biiliyoona 801.65 ta’uun ragga’e

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2015 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Wixinee baajataa bara 2016 Birrii biiliyoona 801.65 raggaasise.

Manni marichaa walga’ii Idilaa har’a gaggeesseen gabaasaa qorannoo wixinee baajataa bara 2016 ilaalchisee Koree Dhaabbii Dhimmoota Pilaanii, Faayinaansii fi Baajataan dhiyeesseera.

Baajanni bara 2016 pirojektoota misoomaa jalqabaman xumursiisuu, fedhii baasii guutuu, deeggarsaa namoomaa, kaffaltii idaa kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Bajatichaa keessaa Baasii idilee mootummaa federaalaa Birrii biiliyoona 370 (%46), Baasii kaappitaalaa 203 (%25), Deeggarsa bulchiinsaa magaala fi naannoleef Birri biiliyoona 214 (%27), Galmoota Misoomaa Waaraa raawwachiisuuf Birrii biiliyoona 14 (%2) ramadamuun eerameera.

Baajanni ramadames irraa caalaan dameelee hiyyummaa hir’isaniifi diinagdee utuban, akkasumas kaffaltii idaaf kan ramadame ta’uu korichi dhaabbii gabaasa dhiyeesseen akeekeera.

Haaluma kanaan baajanni bara 2016 Birrii biiliyoona 801 miiliyoona 651 fi kuma 747 fi 236 akka ta’uu manni marichaa sagalee caalmaan raggaasiseera.

Baajatichi, baajata bara 2015 yoo walbira qabamu Birrii biiliyoona 15 caalmaa akka qabu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.