Fana: At a Speed of Life!

Baajanni Naannichaa bara 2017 Birrii Biiliyoona 6 ta’uun ragga’e

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)-Manni Maree Naannoo Gaambeellaa baajata bara 2017 Birrii Biiliyoona 6.4 raggaasise.

Baajaata raggaa’e keessaa Birri biiliyoona 2.9 galii naannichaan kan uwwifamu yoo ta’u, Birrii biiliyoonni 3.7 baajata deeggarsaa mootummaa federaalaan ta’uun ibsameera.

Pireezidaantiin naannichaa Obbo Umad Ujuluun akka jedhanitti, baajaticha karaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabuun kaayyoo qabameef akka oolu hubachiisaniiru.

Baajanni ragga’e fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf to’annoo fi hordoffii barbaachisaan kan taasifamu ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.