Fana: At a Speed of Life!

Baajanni mootummaa Federaalaa bara 2017 of eegannoon akka hogganamu manni marichaa hubachiise

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Baajanni mootummaa Federaalaa bara 2017 of eegannoon akka hogganamu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa hubachiise.

Baajatichi kaayyoo barbaadamuuf ooluun fayyadamummaa hawaasaa akka mirkaneessu hordoffii cimaa kan taasiisuu ta’uu manni marichaa ibseera.

Manni marichaa walga’ii idilee 35ffaa har’a gaggeesseen haala qoodinsaa fi bulchiinsa bajataa bara 2017 irratti mari’ateera.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen gaaffii baajata bara 2017 ilaalchisee miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsa kennaniiru.

Qaamoleen sadarkaan jiran hundi baajata qusannaa fi itti gaafatamummaan fayyadamuu akka qaban manni marichaa hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.