Fana: At a Speed of Life!

Baajanni Magaalaa Shaggar Birrii biiliyoona 22 ta’ee ragga’e

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)- Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Baajata Bara 2017 Birrii biiliyoona 22 ol raggaasise.

Manni Maree magaalichaa Yaa’ii Ariifachiisaa 1ffaa bara 2017 gaggeessaa jira.

Haaluma kanaan hojiiwwan misoomaa fi tajaajilawwan Bulchiinsa Magaalichatti adeemsifamuuf baajatni idilee Birrii Biiliyoona 15 fi miiliyoona 757 ol, baajata Mana Qopheessaa Birrii biiliyoona 10.5, galii manneen barnootaa fi buufataalee fayyaa Birrii miiliyoona 514 fi kuma 740 ol ramadamuun ibsameera.

Haaluma kanaan baajata bara 2017 Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Birrii biiliyoona 22 fi miiliyoon 370 fi kuma 803 fi 115 ragaasifamuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.