Fana: At a Speed of Life!

Baajanni dabalataa Birriin biiliyoonni 122 qopha’e

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Baajanni dabalataa Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 22 qopha’uu Ministeerri Maallaqaa Beeksiseera.

Ministeerri Maallaqaa baajata dabalataa Birrii biiliyoonni dhibba 1 fi biiliyoonni 22  qopheessuun Mana Maree Ministirootaaf dhiyyeeseera.

Baajanni dabalataa kun nageenya biyyaa kabachisuuf deeggarsa namoomaaf lammiilee sababa waraanaa fi walitti bu’iinsaatin miidhaaman deebisanii dhaabuuf akkasumas hojiilee mootummaa barbachiisoo ta’aaniif kan ooluu ta’uu Ministeerichi fuula Fessbuukii isaan ibseera.

Barbachisummaa baajata dabalata kun kutaa kaabaa Ityoophiyaatti waraanaa gaggeeffameen baasiin dabalataa barbaadamuusaatin, galii mootummaan yeroo ammaa walitti qabuu gaaffii baajatan walqatee ka’uu deebisuu rakkisaa ta’uusaan akkasumas fedhii baasii dabalata baajata jiru walitti butuun keessummeessuf rakkoo ta’uusaatini.
Baajanni dabalataan qophaa’ee kun Mana Maree Bakka Bu’ootaaf dhiyaachuun erga ragga’ee booda kallattiin hojiirra kan ooluu ta’uu ibsameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.