Fana: At a Speed of Life!

Baajanni bara 2017 Naannoo Afaar Birrii Biiliyoona 12 oliin ragga’e

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)-Manni Maree Naannoo Afaar baajataa Bara 2017 Birrii biiliyoona 12 fi miiliyoona 870 oliin raggaasise.

Manni Maree naannichaa yaa’ii idilee 6ffaa bara hojii 3ffaa magaalaa Samaaraatti gaggeessaa jiraachuun ibsameera.

Hogganaan Biiroo Maallaqaa Naannichaa Obbo Ahimad Mahammad baajataa bara 2017 Birrii biiliyoona 12 fi miiliyoona 870 fi kuma 586 ol akka ta’uu Mana Marichaaf dhiyeessaniiru.

Haaluma kanaan Manni marichaa baajataa naannoo Afaar kan bara 2017 Birrii biiliyoona 12 fi miiliyoona 870 ol raggaasisuu ragaan Miidiyaa naannicharra argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.