Fana: At a Speed of Life!

Baabura bololi’aa saffisaa

Finfinnee, Adoolessa 7, 2015 (FBC)- Waggootta afur booda hadiidarraa kan baalali’u geejjibni baaburaa “Yamanashii Magleev” jedhamu ‘jeetti lafarraa balali’u’ yoo jedhame gurra guddisuu hinta’u.

Jaappaan hojii eegalchisuuf kan qopheessite baaburri kun sekoondii torba keessatti kiiloo meetira 1 kan ‘furguggifamuudha’.

Kana jechuun kiiloomeetira 100 imaluuf daqiiqaa 11 fi sekoondii 40 qofaa fudhata.

“Japan Informer” akka gabaasetti baaburri furguggaataan kun waggoota afur booda bara 2027 imaltoota qabatee ‘balali’uu’ eegala jedhameera.

Kanaan dura “Japan-Rail-Pass” Akka gabaasetti baaburichi teeknooloojii rajeffachiisaa biroo kan qabuudha.

Imala kan eegaluu suutaa jedhee ta’us, saffisni isaa dabalaa kan adeemuudha.

Sa’aatiitti kiiloomeetira 150 furguggifamuu wayita eegalu gommaawwan isa hadiidan gadi wal lakkisu.

Hadiidaa fi goommaa baaburichaa gidduu qaawwaan hafuuraa baafannaa xiqqoon ni umama.

Baaburichis humna maagineetawaadhaan lafarraa miilii meetira 100 ol ka’ee balali’uu eegala.

Kunis rigata gommaa fi hadiida baaburichaa gidduu ture hambisuun saffisni isaa daran akka dabalu taasisa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.