Fana: At a Speed of Life!

B/M/Finfinnee lammiilee balaa sigiga lafaan miidhamaniif deegarsa Birrii miiliyoona 45.5’tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Adoolessa 18, 2016 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee lammiilee balaa sigiga lafaan miidhamaniif deegarsa Birrii miiliyoona 45.5’tti tilmaamamu taasise.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen, lammiilee balaa sigiga lafaan Godina Goofaa Aanaa Gazee Goofaatti miidhamaniif deeggarsicha taasisuu ibsaniiru.

Deeggarsi taasifames maallaqa, galteewwan wal’aansaa, uffannaa garagaraa, deeggarsa ariifachiisaaf kan oolan biroon gara naannawichaatti ergamuu himaniiru.

Lammiileef dursanii qaqqabuun hojii addaa duree ta’uu eeranii, bulchiinsi fi hawaasni magaalichaa cinaa isaanii kan dhaabbatan ta’uu ibsuuf hoggansi gara naannawichaatti imaluu ibsaniiru.

Miidhaa qaqqabeen kan gitu deeggarsa taasisuu kan itti fufan ta’uu himuus ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.