Fana: At a Speed of Life!

Ayyanaa Iid Alfaxiiri qindoominaa fi waltumsuun kabajachuu qaban-Obbo Aragga Kabbadaa

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)- Ayyanaa Iid Alfaxiir wayita kabajnu tola waliif ooluun, nageenyaa fi tokkumaa qindoominni fi tumsi cimsuun ta’uu qaba jedhan Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan.
Obbo Araggaan Ayyana Iid Alfaxiir 1445ffaa sababeeffachuun erga baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Erga isaaniin, hawaasni musliima baatii eebbifamaa Sooma Raamadaanaa keessa, wal deeggaruu fi walgargaruun akkuma dabarsee, ayyana Iid Alfaxiir wayita kabajuus tola waliif ooluun, nageenya, tokkumaa fi misoomaaf tattafachuun, qindoominni fi tumsa cimsuun kabajuu akka qaba jedhaniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad gama isaaniin ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniin, hawaasni musliimaa ayyaanicha wayita kabajuu waldeeggaruun, duudhaalee waldanda’uu cimsuu fi gochaalee gaggaarii biroo raawwachuun ta’uu akka qabuu gaafataniiru.
Hawaasni musiliimaas wayita soomaa raamadaanaa gochaalee gaarii raawwachaa ture, yeroo biros cimsee akka itti fufu dhaamaniiru.
Haaluma Walfakkaatuun Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaan ergaa ayyaanichaa ilaalchisuun dabarsaniin, hawaasni musliima Ayyaana Iid Alfaxiir wayita kabaju, baatii Sooma Raamadaanaatti hojiilee gaggarii gabbifatan, raamadaanaa boodas cimsee itti fufu akkaa qabuu dhaaman.
Hawaasni musliimaa nageenyaa fi misooma irratti dammaqinaan hirmaachuun gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoon Ayyaana Iid Alfaxiir 1445ffaa sababeeffachuun erga baga ittin isiin gahee dabarsaniiru.
Erga isaaniin, hawaasni Musliima wayita ayyaannicha kabajuu walgaafachuun, tokkummaa fi waloomaa isaa agarsisuun, waan qaban waliif qooduun kan waliin kabajan ta’uu himan.
Hawaasni Musliima obbolootaa isaanii biroo waliin ta’uun badhaadhina biyyaaf, nageenyaa biyyattif gahee bahataa jiraan cimsanii akka itti fufan gaafaataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.