Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanoonni Ummataa tokkummaa, nageenyaa fi misooma biyyaalessaaf – TKM

Finfinnee, Onkololeesa 1, 2016 (FBC) – Ayyaanoonni Ummataa baatii Fulbaanaa keessa duudhaa isaanii eeguun kabajaman tokkummaa biyyaalessaa calaqqiisiisuun nageenya lallabuun xumuramuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Ayyaanni Daamaraa Masqalaa, Mawuliidaa, Giifataa, Yaa Hoodee, Yoo Yoo Masqaalaa, Beenee Shadeyyee Baaroo, Tokki ba’aa fi kanneen biroon karaa nagaan kabajamuu xumuramuu ibseera.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee fi Harsadii haala miidhagaa fi hawwataa ta’een kabajamuu eereera.

Ayyaanoonni kunneen uffataalee Aadaa, faarfannaa fi taatewwan adda addaan dabaalamanii tokkummaa fi nageenya biyyaalessaaf humna dabalataa ta’uurra darbee faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabaachuu himeera.

Jaalalli, tokkummaan, araarri, obbolummaa, Eebbi, miirri waliif yaaduu, aadaa waliif qooduu, keessummaa simachuu fi walummaan keessatti ifee mul’achuu kaaseera.

Qaamolee ayyaanonni kunneen karaa nagaan akka xumuraman qooda isaanio ba’an hunda galateeffateera.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.