Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Waggaa qulqulluu Gabreelii Qullubbii fi Hawaasaatti haala ho’aan kabajame

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Ayyaanni Waggaa qulqulluu Gabreelii Qullubbii Gabreelii fi Hawaasaa haala ho’aan kabajame ooleera.

Ayyaanicharratti Ityoophiyaanonni, dhalattoonni Ityoophiyaa fi tuuristoonni biyyoota garaagaraarraa dhufan argamaniiru.

Kabajni ayyaanichaa sochii tuurizimii magaalota Qullubii fi Hawaasaaf  qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.

Ityoophiyaan rakkoo yeroo ammaa ishee mudate keessaa akka baatuuf hawaasni kiristaanaa kadhannaa fi tokkummaan deeggarsa gama maraa akka taasisuu abbootiin amantaa yaadachiisaniiru.

Gadaamii Qullubbii Gabreelii bakka hawwata tuurizimii taasisuuf hojjetamuu akka qabu hirmaattonni ayyaanichaa gaafataniiru.

Misooma tuurizimichaarraa manni amantaa fi mootummaan fayyadamoo taasisuuf bu’uuraaleen misoomaa garaagaraa magaalota naannoo ishee jiraniif guutamuu akka qaban eeraniiru.

Iyyoonaadaab Andu’aalam fi Xilaahuun Yilmaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.