Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni waggaa 50ffaa hariiroo Dippiloomaasii Ityoo Chaayinaa itti eegale Shaangaayitti kabajame

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC) – Ayyaanni waggaa 50ffaa hariiroo Dippiloomaasii Ityoophiyaa fi Chaayinaa itti eegale Beejiingitti Imbaasii Ityoophiyaa fi waajjira qoonsilaa waliigalaa Shaangaay waliin magaalaa Shaangaayitti kabajameera.
Ayyanicharratti Ministiri Deettaan Dhimma Alaa aadde Tsiyoon Taklee ‘online’n hirmaachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaa, Shaangaayitti qonsilaa waliigalaa obbo Warqaalammaaw Dastaa fi hooggantoonni hojii mootummaa garagaraa Chaayinaa hirmaataniiru.
Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa misiyoononni Chaayinaatti argaman ayyanoota seenaa sirnoota garagaraa kabajaa jiraachuu ibsuun, fuula duratti adeemsa badhaadhina Ityoophiyaaf Chaayinaan hariiroo ishee cimsee akka itti fuftu amantaa isaanii ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.