Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni torbee Aadaa Oromiyaa nagaan xumurame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC) – Ayyaanni torbee Aadaa Oromiyaa Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamaa ture nagaan xumurameera.

Torbeen Aadaa Oromiyaa Bitootessa 17, 2014 Magaalaa Shaashamanneetti eegalame guyyoota sadiif agarsiisa Aartii, simpooziyeemii aartii, dorgommiiwwan aartii baandiwwan godinaalee Oromiyaa fi beekkamtii Aartistoota lamaaf kennuudhan har’a xumurameera.

Dorgommii baandiwwan godinaalee Oromiyaa gidduutti gaggeeffameen baandin Godina Baalee (Madda Walaabbuu) 1ffaan, baandin godina Harargee Lixaa (Odaa Bultum) 2ffaa fi baandin godina Iluu Abbaa boor (Saglan Iluu) 3ffaa ba’uudhan badhaafamaniiru.

Gama birootin Obbo Almaayyoo Hayilee fi Aartisti Abbabach Ajjamaa gumaachi isaan guddinaa fi dagaagina Aadaa fi Aartii keessatti taasisaniif Biiroo Aada fi fi turuzimii Oromootiin beekkamtii fi badhaasni kennameefiira.

Xumura sirna kanaa irratti hooggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaan dhaamsa dabarsaniin, Aadaa keenya guddisuudhan dhaloota ittiin qaruudhan madda galii taasifachuu qabna jedhaniiru.

Daadhii Tufaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.