Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni sirna Gadaa Yaaballootti kabajamaa ture har’a ni xumurama

Finfinnee, Muddee 25, 2012 (FBC) – Guyyaan Sirni Gadaa Oromoo Dhabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaatti hambummaan itti galmaa’e waggaa 3ffaan godina Booranaa magaalaa Yaaballootti kaleessaa eegalee kabajamaa ture har’a xumurama.

Ayyaanni sirna Gadaa godina Boranaa magaalaa Yaaballootti kaleessaa eegalee sirnoota addaddaan kabajamaa ture guyyaa har’a bakka keessummoonni kabajaa fi abbootiin Gadaa Oromiyaa guutuu jiranitti sirna ho’aan kabajamee ni xumurama.

Kabajicharratti ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii FDRI Dooktar Hiiruut Kaasaa, hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa obbo Girmaa Haayiluun argamaniiru.

Sirni Gadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaatti hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee erga galmaa’ee waggaa sadaffaa qabateera.

Kabajicharratti agarsiisni aadaa fi siimpooziyamiin akkasumas waraqaaleen qorannaa dhiyaataniiru.

Abbootiin Gadaa godinalee Oromiyaa, hayyoonni damichaa, keessummoonnii fi qaamoleen hawaasaa ayyaanicharratti hirmaataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.